Rakkoolee sirna jajjabeessituu qaraxa daldala alaarratti mul’atan hiikuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira-Komishinii Gumurukaa

126

Mudde 27/2015 (TOI) Rakkoolee kenniinsa tajaajilaa sirna jajjabeessituu qaraxa daldala alaarratti mul’atan hiikuun galii biyyi daldala alaarraa argattu guddisuuf hojjetamaa akka jiru komishiniin gumuruukaa beeksise.

Bu’aalee kenniinsa tajaajilaa sirna jajjabeessituu qaraxa daldalatiin galmaa’anii fi rakkoolee mudatan ilaalchisuun komishinichi qooda fudhattoota waliin mari’ateera.

Komishinichatti komishinariin itti aanaa damee oppireeshinii obbo Azzazawu Caannee, mootummaan industirii oomishaa deeggaruuf sirna jajjabeessituu qaraxa daldala alaa diriirsuu eeranii, hojiiwwan damee kanarraa bu’aa eegamu fiduu dandeessisan hedduun hojjetamuusaanii ibsaniiru.

Biyyi damee industirii oomishaa irraa galii argachuu qabdu akka argattu jijjiirama bu’uraa fiduuf dhaabbilee mootummaa jidduutti hojmaanni qindaawaa cimaa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.

Seerri yeroo waliin hin deemne akka fooyya’an beeksisaniiru.

Bu’aalee fi hanqinoota jajjabeessituu qaraxa daldala alaarratti mul’atan komishinichatti daarektarri oomishaa fi hojmaata daldala alaa fi deeggarsaa adde Gannat ibsa kennaniiru.

Daarektarri kun sanada kana irratti akka hubachiisanitti sirni jajjabeessituu qaraxa daldala alaa, oomishtoonni oomishasaanii gabaa alaaf dhiheessan ykn dhiheessitoonni meeshaalee dheedhii qaraxaa fi taaksiin osoo itti hinkafalamiin ykn kafaltii duraa raawwachuun sirna gara biyyaatti ittiin galchanidha.

Kaayyoon olaanaa sirna jajjabeessituu kanaa misooma dinagdee si’achiisuuf, argama sharafa alaa jabeessuuf, sosochii kaappitaalaa guddisuun lammiileef carraa hojii uumuu fi oomishoonni biyya keessaa gabaa addunyaarratti dorgomaa taasisuuf ta’uu daarektarittiin hubachiisaniiru.

Labsii fi qajeelfamni sirna jajjabeessituu qaraxa daldala alaa yeroo waliin kan hindeemnee fi sirnichi salphaa, ifaa fi to’annoof mijataa akka hin taane akka rakkootti kaasaniiru.

Hojmaanni qindaawaa dhaabbilee jidduu jiru dadhabaa ta’uunsaa bu’aan damee kanarraa eegamu akka hin argamne sababa ta’uunsaanii hirmaattonni kaasuusaanii odeeffannoon marsariitii komishinacharraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015