Qaamoleen miidiyaa hawaasaa fayyadamuun hojii sabqunnamtii hojjetan odeeffannoo damee fayyaa sirrii hawaasaaf dhiheessuun damee kana akka gargaaran gaafatame

111

Mudde 26/2015 (TOI) Qaamoleen miidiyaa hawaasaa fayyadamuun hojii sabqunnamtii hojjetan odeeffannoo damee fayyaa sirrii fi saayinsaawaa dhiheessuun ogumasaaniitiin damee kana akka gargaaran gaafatame.

Waltajjiin ogeeyyonni miidiyaa hawaasaa fi aktiivistoonni irratti hirmaatan Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

De’eetaan ministiraa Fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa wayita kana akka jedhanitti, hojiiwwan karaa miidiyaa hawaasaa fi ogeeyyotaan damee fayyaarratti hojjetaman hawaasa qaqqabsiisuun hojiileen bal’aan hojjetamuu himaniiru.

Hawaasni waa’ee weerara koronaa hubannoo ga’aa argatee akka ofeegu akkasumas haala ofeeggannoo hojiirra akka oolchu hubannoo uumuu fi odeeffannoo sirrii qaqqabsiisuun gumaacha taasiseef galateeffataniiru.

Kanaa fi sababoota biroon dhibeen kun balaa olaanaa osoo hin geessisiin to’achuu fi ittisuun danda’amuu eeranii, ammas hojiiwwan damee fayyaan hojjetamaa jiran miidiyaaleen hawaasaa fi aktiivistoonni odeeffannoo sirrii hawaasa biraan ga’uu akka qaban dubbataniiru.

Odeeffannoowwan fayyaa hawaasa biraan ga’uuf ammoo miidiyaaleen hawaasaa fi aktiivistoonni ga’ee olaanaa waan qabaniif damee kana akka gargaaran gaafataniiru.

Kanaaf miidiyaaleen hawaasaa fi aktiivistoonni xiyyeeffannoo siyaasaa irra darbee hojiiwwan damee fayyaa hawaasa biraan ga’uun dirqama biyyaa irra jiru akka bahan gaafataniiru.

Aktiivistoonnii fi miidiyaaleen hawaasaa odeeffannoon dhaga’an sirrii ta’uu osoo hin hin mirkaneeffatiin dabarsuun hawaasaa fi biyya waan miidhuuf odeeffannoo sirnaan qabachuu fi karaa itti gaafatama qabuun tamsaasuu akka qaban hubachiisaniiru.

Ministeerichatti daarektarri quunnamtii ummataa fi komunikeeshinii doktar Taganee Raggaasaa gamasaaniitiin, faayidaa ummataaf jecha odeeffannoo amanamaa fi sirrii ta’e qaqqabsiisuun itti gaafatama biyyaa bahuu akka qaban gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015