Hawaasni yeroo ayyaana Qalma karaa seeraan alaa taasifamurraa ofeeggachuu qaba

101

Mudde, 26/2015(TOI) - Hawaasni yeroo ayyaana Qalma karaa seeraan alaa taasifamurraa ofeeggachuu akka qabu Dhaabbanni 'Qeeraa' magaalaa Finfinnee hubachiise.

Dhaabbatichi ayyaana Qillee dhufaa jirutti tajaajila qalmaa beelladoota fayyaan isaanii mirkanaa'ee raawwachuuf qophii xumuruu beeksiseera.

Dhaabbatichatti itti gaafatamaan qunnamtii hawaasaa Atakilti Gabaramikaa'el TOItti akka himanitti dhaabbatichi ayyaana kanatti sangoota kuma 4 akkasuma hoolaa fi re'ee qaluuf qophii taasisuu himaniiru.

Hoji kana raawwachuuf bakka qalmaa haala gaariin qophaa'uus himaniiru.Qalmi karaa seeraan alaa raawwatamu dhubboota beelladarraa gara namaatti darbuu danda'aniif nama saaxiluu waan danda'uuf hawaasni qalma karaa seeraan alaa raawwatamurraa ofeeggachuu akka qabu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015