Finfinneetti ayyaa Qillee sababeeffachuun lammilee harka qalleeyyii kuma 85'f deeggarsi adda addaa ni taasifama

105

Mudde, 25/2015(TOI) - Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti Komishiiniin qindeessa tola ooltummaa fi hirmannaa uummataa ayyaana Qillee sababeeffachuun lammilee harka qalleeyyii kuma 85'f deeggarsa adda addaa taasisuuf kan jiru ta'uu beeksise.

Dabalatanis Komishiinichi ayyaanicha sababeeffachuun tola ooltummaa bonaan manneen jireenyaa harka qalleeyyii 217 haaromse dabarsee kan kunnuuf ta'uu beeksiseera.

Jajaajilli tola ooltummaa utubaa tokko jalatti qindaa'uun hojii tajaajila tola ooltummaa kennuu erga jalqabee waggaa 4 kan lakkoofsisee yoo ta'u damee kanaan hojii milkaa'aa hojjechuun danda'amuun himameera.

Akka fakkenyaattis Finfinneetti bara 2014 tajaajila tola ooltummaa yeroo gannaan tola ooltota miliyoona 2 hirmaachisuun tajaajila adda addaa birrii biliyoona 3.9 baasu hojjetameera jedhameera.

Tajaajila tola ooltummaa kanaan hojii ashaaraa magariisaa, Tajaajila hawaasummaa, nageenyafi tasgabbii eegsisuufi kanneen biroo kan of keessatti hammatanidha jedhameera.

Bara kana tajaajila tola ooltummaa yeroo bonaan Finfinneetti mana manguddootaa haaromsuu dabalatee waliigalaan lammilee kuma 353 fayyadamaa tajaajila tola ooltummaa taasisuuf hojjetamaa kan jiru ta'uu Komishiniin qindeessa tola ooltummaa fi hirmaannaa uummataa beeksiseera.

Komishinar Abirhaam Taaddasee TOItti akka himanitti ayyaa qillee dhufaa jiru sababeeffachuun magaalcihatti hojiin tajaajila tola ooltummaa adda addaa kan hojjetamu ta'uun himaniiru.

Haaluma kanaan bor irraa jalqabee lammilee harka qalleeyyii kuma 85 ol ta'aniif guyyaa ayyaanaa kan ittiin oolan waantoota adda addaa kan taasisu yoo ta'uu deeggarsi kunis baasi birrii miliyoona 291 kan tilmaamamudha jedhaniiru.

Dabalatanis lammileen kuma 9 ta'an kallattiin qunnamtiin hawaasa magaalichaa waliin qindaa'eefi deeggarsa kan argatan ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015