Biiroon fayyaa Oromiyaa sadarkaa tamsaa’ina busaa to’achuurra gahuu beeksise

103

Mudde 25/2015 (TOI)  Naannoo Oromiyaatti tarkaanfiiwwan hatattamaa dhibee busaa ittisuu fi to’achuuf fudhatamaniin tamsa’ina busaa naannichatti dabalaa dhufe sadarkaa to’achuurra gahuu biiroon fayyaa Oromiyaa beeksise.

Naannichatti waggoota darban dhibee busaa ittisuu fi to’achuuf hojiiwwan hojjetamaniin tamsa’ina busaa sadarkaa to’achuurra ga’amuu itti gaafatamaan biiroo fayyaa Oromiyaa doktar Mangistuu Baqqalaa TOIf ibsaniiru.

Itti fufuunis waggoota lamaaniin asitti sababa jijjiirama haala qilleensaa fi dagannaa uumameen lakkoofsi namoota dhibee busaan qabamanii daballii agarsiisee akka ture yaadataniiru.

Jijjiiramni haala qilleensaa addunyaarratti mul’atu dabaluu tamsa’ina busaaf sababoota kan ta’an hedduu keessaa tokko ta’uu akka danda’u himaniiru.

Busaa ittisuuf dagannaan hawaasaa fi ogeessota fayyaa biratti mul’achuun wantoota bookee busaa ittisuuf oolan waan hin malleef oolchuun mul’achuu ibsaniiru.

Biifuun Keemikaala farra bookee busaa karaa sirriin adeemsifamaa akka hin turre ibsanii, kun ammoo keemikaalli busaa balleessuu dandeessisu humna akka hin qabaanne gochuusaa eeraniiru.

Kanaaf mootummaan naannichaa odeeffannoowwanirratti hundaa’uun tarkaanfii hatattamaa fudhateen tamsa’ina dhibee busaa sadarkaa to’achuurra ga’eera kedhaniiru.

Dhibee busaa amma dhumaatti to’achuuf qulqullina dhuunfaa fi naannawaa eeguu, iddoowwan bookeen busaa itti wal horan qulqulleessuun akka barbaachisuu fi qindoominaan akka hojjetamubeeksisaniiru.

Ogeessonni fayyaas odeeffannoo fayyaa hawaasaa sirnaan hordofuun tajaajila fayyaa cimsuun akka qaban hubachiisaniru.

Waggoota 12 darban naannoo Oromiyaatti dhibee busaa balleessuuf hojii hojjetameen naannichatti dhibbantaa 83 ol busaa ittisuun akka dannda’ame odeeffannoo biiroo fayyaa naannichaa irraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015