Godina Walloo Kibbaatti dhaabbileen bishaan dhugaatii miidhaan irra gahe 100 suphamanii tajaajilaaf oolan- Qajeelchicha

89

Mudde 25/2015(TOI)  Godina Walloo Kibbaatti dhaabbileen bishaan dhugaatii sababa addaddaatiin miidhaan irra gahe 100 suphamanii tajaajilaaf ooluusaanii qajeelchi bishaanii fi inarjii godinichaa beeksise.

Ogeessi ijaarsa bishaan dhugaatii fi suphaa qajeelchichaa Nugus Tafarraa TOIf akka ibsanitti, godinichatti dhaabbileen bishaan dhugaatii sababa waraanaa fi tajaajila yeroo dheeraa kennuurraa kan ka’e miidhaman deebisanii suphuun tajaajilaaf oolchuuf hojjetamaa jira.

Amma ammaatti dhaabbileen bishaan dhugaatii 100 suphamanii tajaajilaaf ooluu himanii, kanaanis namoota kuma 72 fayyadamaa taasisuun danda’amuu ibsaniiru.

Suphaa kanaanis birriin miiliyoona 40 baasii taasifamuusaa fi uwwisa bishaan dhugaatii guddisuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Bara bajataa kana dhaabbilee bishaan dhugaatii xiqqaa fi jiddugaleessaa 180 akka haaraatti ijaaruun eegalamuu ibsanii, kanaafis birriin miiliyoona 82 ramadamuu himaniiru.

Dhaabbileen kunneen xumura baatii Caamsaa dhufuu xumuramanii hojii ni eegalu jedhamee akka eegamuu fi namoota kuma 48f fayyaduu akka danda’an ibsaniiru.

Jiraataan aanaa Warrabaabboo adde Faaxumaa Muusaa dhaabbanni bishaan dhugaatii kana dura itti fayyadamaa turan waraanaan miidhamee tajaajila waan dhaabeef rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluuf saaxilamanii turuusaanii yaadataniiru.

Yeroo ammaa suphamee tajaajila kennuu waan eegaleef gammanneerra, rakkoo keenyas nuuf fureera jedhaniiru.

Jiraattuun magaalaa Biistiimaa adde Hawwaa Sayid gamasaaniitiin, dhaabbatichi deebi’ee suphamee tajaajilaaf ooluunsaa dadhabbii fi dhamaatii barbaacha bishaaniin irra ga’u hambisuusaa dubbataniiru.

Walloo Kibbaatti uwwisni bishaan dhugaatii qulqulluu dhibbantaa 54 ta’uusaa odeeffannoon qajeelcha bishaanii fi inarjii godinichaa ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015