Adeemsa sirna dimokiraasii sabdaneesummaa keessummeessu ijaaruu keessatti hayyoonni gahee olaanaa bahuu qabu

122

Mudde, 24/2015(TOI) - Adeemsa sirna dimokiraasii sabdaneesummaa keessummeessu ijaaruu keessatti hayyoonni gahee olaanaa bahuu qabu jedhan sadarkaa Kantiibaa itti aanaatti hoji geggeessaa olaanaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Xiraatuu Bayyanaa.

''Gahee hayyoota ijaarsa biyyaa keessaatti'' mata duree jedhuun mariin hayyoonni irratti hirmaata Yuunivarsiitii Gondoritti geggeeffamaa jira.

Obbo Xiraatuu Bayyanaa waltajjii kanarratti argamun haasaa taasisaniin carraa ijaarsa mootummaa fi jijjirama sadarkaa biyyatti dhufan itti fufsiisuu keessatti hayyootarra dirqamni cimaan jira jedhaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015