Laappitooppiwwan 100 fi meeshaaleen Elektironikisii biroon karaa seeraan alaa galan to'ataman.

71

Mudde, 24/2015(TOI) - Meeshaalee karaa seeraan galan daheeffachuun Kompitaroonnii laappitooppii 100 Monitara Kompiitaraa keessa dhokfamanii galfamaniifi meeshaleen Elektirooniksii adda addaa biroon karaa seeran alaa galfaman to'annoo jala ooluu isaanii Komishiniin Gumurukaa beeksise.

Meeshaaleen kunneen kan to'ataman damee Gumurukaa Mojootti yoo ta'u kanneen to'atamanis Kompiitaroota lappitooppii 100, Hardi diiskiifi meeshalee elektiroonikisii biroodha.

Itti aanaa hoji geggeessaa dhimma seeraa damee gumurukaa Mojoo obbo Farradaa Attalayii Monitara kompitaraa keessa isaa duwwaa gochuun bakka isaa laappitooppiiwwan haaraa, Hardi diiskii fi meeshaalee elektiroonikisii biroo keessa kaa'uun deebisanii saamsuun karaa seeraan alaa osoo galchaa jiranii to'atamuu himaniiru.

Meeshaleen shakattaan argaman kunneen sanadarratti kan hin ibsamne tilmaama qaraxaafi taaksii birrii miliyoona 3.2 ol baasu.

Dhimma kana waliin namni hidhata qubu namni tokko kan to'atame qorannoon kan irratti taasifamaa jiru ta'uu himanii, meeshaaleen to'ataman akka dhaalaman murteen irratti darbeera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015