Daandichi gara Shireetti balalii jalqabuun isaa agarsiiftuu mallattoo nageenyaa nun barbaada turreeti

107

Mudde, 24/2015(TOI) - Daandiin Qilleensa Itoophiyaa gara magaalaa Shireetti balalii isaa irra deebiin jalqabuun isaa egarsiiftuu milkaa'ina waliigaltee nageenyaa nun barbaadaa turreetti jedhan ilmaantoonni har'a daandichaa gara magaalaa Shireetti balalii taasisan.

Daandiin Qillensa Itoophiyaa waggoota lamaan booda har'a gara Shireetti balalii isaa irra deebiin eegaleera.

Imaaltoonni har'a gara shireetti imaalan akka TOItti himanitti waggoota lamaaf osoo maatii isaanii hin argiin turaniiru.

Ta'uu haala waliigaltee taasifameen mootummaan har'a daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii isaa akka gara Shireetti taasisu jalqabu taasiseera.

Balaliin daandiin qilleensicha har'a gara Shireetti jalqabe kun agarsiiftuu milkaa'ina Waliigaltee nageenyaa taasifamee nun eegaa turre keessa tokkodhas jedhaniiru.

Haalli amma uumamee jiru nutti toleera, nageenyi bu'uura waan hundaa waan ta'eef nageenyi amma umamee kun waaraa akka ta'uuf hunduu hojjechuu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015