Magaalichatti torbeen aadaa dubbisaa marsaa 6ffaan mana kitaabaa Abrihootitti jalqabame

173

Mudde, 21/2015(TOI) - Magaalichatti torbeen aadaa dubbisaa marsaa 6ffaan mana kitaabaa Abrihootitti jalqabame

Sagantaan torber dubbisaa kun mata duree “Dhaloota Sababaaf Dubbisu Uumuu” jedhuun kan geggeeffamu yoo ta'u guyyoota sadiif tura.

Sirna banissa sagantaa kanaarratti haasaa kan taasisan deetan ministira Aadaafi Ispoortii aadde Wariqinesh Birruu mootummaan aadaa waa dubbisuu cimsuuf kan gargaaru hojiiwwan adda addaa hojjechaa jira.

Kanaanis manneen kitaabaa naannoleetti hojiin babali'isuu hojjetamaa jira jedhaniiru

Dabalataan manneen barnootaa qofaatti osoo hin taane manneen amala sirreessaa, Raayyaa Ittisa Biyyaafi humnoota nageenyaa biratti aadaa dubbisaa guddisuuf deeggarsan kitaaboolee dhiheesuufi bakka itti dubbisan mijeessuun hojjetamaa jira jedhaniiru.

Hooggantuun Biiroon Aadaa, Aartii fi Turizimii magaalaa Finfinnee, Dr. Hiruut Kaasaawu, biirichi dhaloota dubbisuu jaallatu uumuuf hojiilee gara garaa hojjechaa tureera jedhan.

Dubbisni waan tokko beekuuf qofa osoo hin taanee dhaaloota jaalala biyyaa qabu uumuuf gargaras jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015