Naannoo Tigiraayif deeggarsi namoomaa atatamaa dhihaachaafii kan jiru yoo ta'u, bu'uuraaleen misoomaas tajaajila kennuu jalqabaniiru.

99

Mudde, 20/2015(TOI) - Naannoo Tigiraayif deeggarsi namoomaa atatamaa dhihaachaafii kan jiru yoo ta'u bu'uuraaleen misoomaas tajaajila kennuu jalqabaniiru jedhan Gamtaa Afirkaatti ergamaan addaa gaanfa Afirkaa Oleseegun Obosaanjoo.

Ergamaan addaa Gamtichaa Oleseegun Obosaanjoofi Pirezidaantiin Keeniyaa duraanii Uuruu Keeniyaa adeemsa raawwii hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa mootummaa fi ABUT jiddutti taasifame ilaaluuf Maqalee jiru.

Oleseengunii fi Uuruun akka himanitti, Naannoo Tigiraayitti bu'uuraaleen Misoomaa tajaajila kennuu jalqabuufi deeggarsa namoomaa atatamaa qaqqabamaa taasisuuf hojii mootummaan hojjete gaarii ta'uufi Mootummaafi ABUT hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa taasisaniif kutannoo isaan agarsiisaniif galateeffataniiru.

Milkaa'ina kanaaf Gamtaan Afrikaa, Ummanni Itoophiyaa, Hoggantoonni Siviliifi Waraanaa garee lamaanuu gahee olaanaa waan qabaniif galatatu malaafis jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015