Mariin Paartilee siyaasaa, Dhaabbilee siivikiifi Hayyoota dhaabbilee barnootaa olaanoo dhuunfaa magaalaa Finfinneetti geggeeffamaa jira.

118

Mudde, 19/2015(TOI) - Mariin Paartilee siyaasaa, Dhaabbilee siivikiifi Hayyoota dhaabbilee barnootaa olaanoo dhuunfaa magaalaa Finfinneetti geggeeffamaa jira.

Kanaan dura sagantaan ''ijaarsa biyyaafi gahee hayyootaa'' mata duree jedhuun Pirezidaantii Yuunivarsiitoota, Hoggantoota dhaabbilee qorannoofi kanneen dhimmo biroo dhimmi ilaallatu waliin marii hayyoota biyyaalessaa geggeeffamuun ni yaadatama.

Mariin har'a taasifamaa jiru qaama sagantaa kanaa keessa tokko ta'uun himameera.

Haaluma kanaan Paartileen siyaasaa keessa jiran, Dhaabbilee sivikii akksuma dhaabbilee barnootaa olaanoo dhuunfaa keessa hayyoonni hojjetan marii kanarratti hirmaachaa jiru.

Kayyoon marii kanaas damee adda addaarratti hayyoonni dhimma biyyaarratti mariyachuun ijaarsa biyyaa keessaatti gahee isaanii akka bahan taasisuufi jedhameera.

Dabalatan paartileen siyaasaa hojiiwwan nagaa waaraa fiduuf hojjetamaa jiran deeggaruun gahee isaanii akka bahan jajjabeesuufidha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015