Waggoota sadan darban qonnaan bultoota kuma tokkoo oliif heeyyamni Buna gabaa alaatti erguu kennameefira.

103

Mudde, 19/2015(TOI) - Abbaan Taayitaa Bunaafi Shayee Itoophiyaa waggoota sadan darban qonnaan bultoota kuma tokkoo oliif heeyyama Buna gabaa alaatti erguu kennuufii beeksise.

Itti aanaa daarektara Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayee Itoophiyaa obbo Shaafii Umar TOItti akka himanitti Abbaan Taayitichaa waggoota arfan darban hojii Riifoormii dhaabbatummaa hojjechaa ture.

Qulqullina oomishaa Bunaa eeguu, Haala gabaa ammayyeessuufi Oomishaa irratti galtee dabaluun oomishitummaa guddisuu danda'amuu himaniiru.

Rifoormiin taasifamees haala gabaa irratti jijjirama guddaa fiduun sharafnni alaa akka dabalu taasiseera jedhaniiru.

Akka fakkeenyaattis bara darbe buna toonii kuma 302 gabaa alaatti erguun galii doolaara biliyoona 1.4 argachuu beeksisaniiru.

Erga rifoormiin kun jalqabamee as bunni gabaa alaatti ergamu toonii kuma 104 dabaluus himaniiru.Abbaan Taayitichaa haala jijjirama yeroo yeroon gabaan bunaa qabu ilaalcha keessa galchuun gabaa haaraa dabalataa barbaaduu hojii xiyyeeffannoon hojjechaa jirudha jedhaniiru.

Haaluma kanaan gabaa akka Indooneeshiyaafaatti babali'isaa jiraachuu himaniiru.

Bunni Itoophiyaan gabaa alaatti ergitu yeroo gara yerootti dabalataa jiraachuu himanii, waggoota sadan darban qonnaan bultoota kuma tokkoo oliif heeyyamni Buna gabaa alaatti erguu kennameefira jedhan.

Qonnaan bultoota Buna gabaa alaatti erguuf heeyyama fudhatan keessaa 100 Buna kallattiin gabaa alaatti kan dhiheessan ta'uu himaniiru.

Bara bajataa kana buna toonii kuma 360 gara gabaa alaatti erguun galii doolaara biliyoona 2 argachuuf karoorri qabamee hojjetamaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015