Bu’aa qorannoo Af daneessaa ilaalchisee mariin gaggeeffame

108

Mudde, 18/2015 (TOI ) – Hogantoota olaanaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin bu’aa qorannoo Af daneessaa ilaalchisee mariin gaggeeffameera.

Hojiirra oolmaa Af daneessaan afaan dhalootaa dabalataan Afaanoota biyya keessaa fi alaa sirna barnootaa keessatti akka hammatamu qorannoon taasiifamee bu’aa isaarratti mariin gaggeeffameera.

Bu’aa qorannichaa ilaalchisee hawaasa waliin mariin taasiifamuu akka qabu hoggantoonni maricharratti hirmaatan ibsaniiru.Afaan tokko ol beekuun faayidaa diinagdee qabuun dabalataan walitti dhufeenya hawaasummaa cimsuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu barreeffama qorannichaa kan dhiyeessan Barsiisaan Yunivarsiitii Kotabee Dooktar Yooseef himaniiru.

Gama kanaan hojiin mootummaan naannoo Oromiyaa naannolee ollaa waliin hojjechaa jiru jalqabbii gaarii ta’uu eeramera.

Qorannoo dhiyaateen Afoota biyya keessaa fi Afaan Ingilizii dabalataan afaanoonni naannawaa filannoof dhiyaachuu ibsameera.

Dhaloonni itti aanu hariiroo hawaasummaa isaa caalmaatti cimsuuf hojiirra oolmaan Af daneessaa qooda olaanaa qabaachuun himameera. Maddi, FBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015