Ijaarsi jiddugala lammiilee miidhaan irra gahee tajaajila yaala xiin sammuu, Seeraafi leenjii itti argatanii jalqabame

120

Mudde, 18/2015(TOI) - Magaalaa Daseetti ijaarsi jiddugala lammiileen miidhaan irra gahee bayyanachiisuuf tajaajila yaala xiin sammuu, Seeraafi leenjii itti argatanii jalqabame.

Jiddugalli kun birrii miliyoonaa 50 kan ijaaramu ta'uun himameera.Ijaarsa jiddugalichaa dhagaa bu'uuraa kaa'un kan jalqabiisan Ministirri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa doktar Irgoogee Tasfaayee akka himanitti ijaarsi jiddugala kana ji'a afur keessatti xumuramee tajaajilaa ijaarameef kennuu jalqaba.

Yeroo kaa'ameef keessatti qulqullina barbaachisuun akka hojjetamee xumuramuuf hunduu gaheesaa bahuu akka qabu hubachiisaniiru.

Miidhaa dubartootaafi daa'imman irra gahu ittisuu bira darbee yeroo miidhaan irra gahe dafanii akka miidhaa irra gaherraa damdamatan karaa qindaa'een gargaaruun barbaachisaadhas jedhaniiru.

Jiddugalli akka kana sadarkaa biyyaatti isa lammaffaa ta'uu himanii, Naannoo Affaaritti jiddugalli kana waliin wal fakkatu yeroo dhihootti ijaarsi isaa kan xumurame yoo ta'u yeroo dhihootti tajaajila kennuu ni jalqaba jedhaniiru.

Gara fuula duraatti jiddulawwan walfakaatoo naannoleefi bulchiinsota m,agaaloota hafanitti ijaaruuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015