Weerara dhukkuba Koleeraa naannoo Oromiyaafi Somaaleetti mudate ittisuuf hojjetamaa jira

294

Mudde, 17/2015(TOI) - Weerara dhukkuba Koleeraa naannoo Oromiyaa godinaalee lamaafi fi naannoo Somaalee godina tokkotti mudate ittisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Weerara dhukkubichaa yeroo dhihoo mudate to'achuuf hojii hojjetamaa jiru ilaalchisuun Ministirri Fayyaa doktar Liyaa Taaddasaa fi deetaan ministira Bishaaniifi Inarjii ambaasaaddar Asfaawu Dingaamoo miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin biyyatiitti yeroo adda addaa irra dedeebiin weerarri Koleeraa akka mudatu himanii, kana to'achuufis mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhaniiru.

Ministirri Fayyaa doktar Liyaa Taaddasaa akka himanitti Adoolessa 2014 hanga Mudde 2015tti naannoo Oromiyaa godinaalee lama jala aanaalee jiran sagal keessatti akkasuma naannoo Somaalee godina Liibaan jala aanaalee jira lama keessatti weerarri Koleeraa mudateera.

Kanaanis ragaa haga ammaa jiruun dhukkubni kun namoota 696 irratti kan argame yoo ta'u namoonni 24 sababa dhukkuba kanaan du'aniiruu jedhan.

Bakkeewwan weerarri kun itti mudatetti jiddugalawwan yaala fayyaa yeroo qopheessuu himanii, galteewwan tajaajila yaala fayyaaf barbaachisanis rabsamuu himaniiru.

Gareewwan dafanii rakkoo kanaaf deebii kennan ijaaruun gara aanaalee kanneenitti bobbaasuun deeggarsa barbaachisaa taasisaa jiru jedhaniiru.

Waggoota sadan darban Koleeraa to'achuufi fayyaa hawaasaa eeguuf hojii baay'ee hojjetamuu himaniiru. Waggoota sadan kana keessatti lammilee miliyoona 5 fi talaaliin miliyoonaa 10 kennamuuf himaniiru.

Sababa kanaan weerarri Koleeraa xiqqaachaa jira jedhan. Dhukkuba kana Itoophiyaarraa guutummaan guutuutti dhabamsiisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu hedduu hirmaachisuun karoorri waggaa 8 qophaa'ee gara hojiitti galameera jedhan doktar Liyaan.

Haala karoorichaan aanaaleen weerarri Koleeraa irra deddebiin mudatu 118 adda baafamuu himanii, qorannoon kan irratti taasifamu himaniiru.

Dabalataan aanaalee kanneen lammilee jiraatan miliyoona 16 keessaa lammilee miliyoona 15.5 talaallii ittisa Koleeraa kennuuf karoorfamuu himaniiru.

Deetaan Ministira Bishaaniifi Inarjii amabaasaaddar Asfaawu Dingaamoo gama isaaniin bakkeewwan weerarri Koleeraa itti mudatetti hawaasaaf bishaan dhugaatii qulqulluu tattaaffiin taasifamuu beeksisaniiru.

Haaluman kanaan hawaasaf waantota bishaan qulqulleessani rabsamuufi himaniiru.

Dhaabbilee bishaan dhiheessa turanii sababa adda addaan tajaajila adda kutanii turanis suphuun tajaajila akka kenna taasifamuu himaniiru.

Bakkeewwan karaa kamiiniyyu tajaajila bishaanii argachuu hin dandeenye immoo hojiin bishaan Botteen dhiheessu hojjetamuu himaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015