Jaappaan milkaa'ina Maree Biyyaaleessaf deeggarsa taasistuu cimsitee itti fufti

86

Mudde, 17/2015(TOI) - Jaappaan milkaa'ina Maree Biyyaaleessaf deeggarsa taasistuu cimsitee kan itti fuftu ta'uu Itoophiyaatti ambaasaaddarri Jaappaan Ittoo Takaakoo beeksisan.

Mootummaan Jaappaan hojii Maree Biyyaalessaaf kan oolaan Konkolaatoota lama baasiin birrii miliyoona 7 itti bahee karaa Yuunivarsiitii Finfinnee deeggarsa taasiseera.

Ambasaaddar Ittoon mootummaan isaanii misoomaa waaraa Itoophiyaaf kan oolaan pirojeektoota adda addaa hojiirra oolchaa jiraachuu himanii, kun gara fuula duraattis cimee itti fufa jedhaniiru.

Gama biroon Maree biyyaalessaan kutaa hawaasaa hunda hirmaachisuun waliigaltee biyyaalessaafi nageenya waaraa uumuuf tattaaffii taasifamus Jaappaan kan deeggartu ta'uu beeksisaniiru.

Kanuma bu'uureffachuun Komishinichiifi hawaasni maree kanarratti hirmaatu kan itti fayyadamu konkolaatota lamaan kana deeggarsa taasisuu himaniiru.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Finfinnee pirofeesar Xaasoo Waldahaanna gama isaaniin deeggarsa mootummaan Jaappaa Itoophiyaadhaf damee adda addarratti taasisaa jiruu galateeffataniiru.

Deeggarsi Jaappaan Maree biyyaaleessa kanaaf taasiste kun bakka guddaa kan qabu ta'uu himanii, Yuunivarsiitichi gara fuula duraattis milkaa'ina Marichaaf deeggarsa barbaachisu gama isaan kan taasisu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015