Milkaa'ina adeemsa Maree Biyyaalessaf abbootiin Amantaafi jaarsoliin biyyaa gahee isaanii akka bahan gaafatame

138

Mudde, 17/2015(TOI) - Abbootiin Amantaa fi Jaarsooliin biyyaa duudhaa waloo jiru deebisanii ijaaruufi dhaloota barsiisuun milkaa'ina adeemsa Maree Biyyaalessaf gahee irraa barbaachisu akka bahachuu qaban Minsiteerri Nageenyaa hubachiise.

Jaarsoliin biyyaafi abbootiin amantaa naannolee hundaafi Bulchiinsa magaalaa lamaan irraa walitti dhufan ''Qabeenyi hawaasummaafi aadaa keenya milkaa'ina maree biyyaaleessaf'' mata duree jedhuun magaalaa Adaamaatti mariyachaa jiru.

Ministeeraa Nageenyaatti deetaan Damee ijaarsa nageenyaafi waliigaltee biyyaaleessaa obbo Taayyee Danda'aa waltajjii kanarratti TOItti akka himanitti Mareen biyyaaleessaa rakkoo ammaafi duraa biyyi qabdu marcumarra ta'aanii mariyachuun gara nageenya waaraa, Misoomafi tokkummaatti karaa ittiin ceetudha jedhan.

Jaarsoliin biyyaa fi abbootiin amantaa adeemsi maree biyyaaleessa akka milkaa'uuf gahee guddaa qabus jedhaniiru.

Keessaayyuu duudhaa waloo yeroo ammaa miidhaa jiran deebisanii ijaaruufi dhaloota barsiisuun gahee isaanii bahuu akka qaban obbo Taayyeen hubachiisaniiru.

Dirqama abbummaa kana bahachuuf immoo adeemsa maree biyyaaleessa kana keessatti si'aayinaan hirmaachuu akka qabanis obbo Taayyeen eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015