Bara oomishaa kana hanqinni xaa'oo biyyee akka hin mudanneef marsaa jalqabaan 'Yuuriyaa' Kumtaallii miliyoonni shan bitameera

145

Mudde, 16/2015(TOI) - Bara oomishaa kana hanqinni xaa'oo biyyee akka hin mudanneef marsaa jalqabaan 'Yuuriyaa' Kumtaallii miliyoonni shan bitamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Deetaan Ministira Qonnaa doktar Soofiyaa Kaasaa akka himanitti akka biyyaatti galma midhaan nyaataan of danda'uuf qabame milkeessuuf bara kana lafa heektaara miliyoonaa tokkorratti jallisiin oomisha oomishuuf karoorfameera.

Oomishaafi oomishitummaa guddisuuf galteewwan qonnaa barbaachisoo ta'an keessaa xaa'oon biyyoo gahee olaanaa akka qabu himanii xaa'oo oomisha jallisii bonaaf oolu haala gahaa ta'een dhiheesuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Haaluma kanaan haga ammaatti yeroo facaasaa midhaanii kan itti fayyamamuu xaa'oo biyyoo NPS jedhamu kumtaala kuma 500 fayyadamtootaaf hirameera jedhaniiru.

Dabalataan Xaa'oon bara oomishaa daebe hafes qonnaan bultootaf akka qoodamu taasifamaa jira jedhan.

Hanqinni Xaa'oo Yuuriyaa akka hin mudanneef bittaan raawwatamuu himanii ji'a dhufu irrra jalqabee xaa'oon kumtaalli miliyoona 5 kan marsaa jalqabaan bitame gara biyyaatti ni imaalchifama jedhan.

Bara oomishaa 2015/16 hanqinni xaa'oo biyyoo akka hin mudanne hojiiwwan hedduun hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015