Miidiyaaleen Dhaabbilee Amantaa kaayyoo hundeeffamaniif kabajuun ofeeggannoon hojjechuu qabu.

114

Mudde, 14/2015(TOI) - Miidiyaaleen Dhaabbilee Amantaa kaayyoo hundeeffamaniif kabajuun ofeeggannoon hojjechuu akka qaban Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa hubachiise.

Dhaabbileen kunneen kaayyoo hundeeffamaniif ala barsiisaa safuu waliin jireenya uummataa jeeqaan irraa fagaachuu qabu jedheera.

Miidiyaaleen dhaabbilee amantaa maqaa gaarii Itoophiyaanootaa guddisuu keessatti gaheen isaan qaban guddaa ta'uus beeksiseera.

Abbaan Taayotichaa ibsa har'a ergeen akka jedhetti Miidiyaaleen dhaabbilee Amantaa yoo hordoftoota isaanii barsiisan amantaalee biroo akka kabajaniifi kaayyoo hundeeffamaniif alaa qabiyyee dhimma siyaasaa irratti xiyyeeffate keessa galuu hin qaban jedheera.

Dabalataanis yeroo hojii isaanii hojjetan haasaafi gocha Waliin jireenya hawaasaa jeequ, barsiisaa fi haasaa karaa kamiiniyyuu jeequmsaafi walitti bu'insa uumuu danda'aan, haasaaa lammileerra haleellaan qor qalbiisii ta'ee qaamaa akka gahu kakaasanfi kanneen hiroorraa of qusachuun akka hojjetan hubachiiseera.

Abbaan Taayitichaa akka ibsetti erga yeroo dhihoo as Miidiyaaleen dhaabbilee amantaa muraasni yeroo gara yerootti dirqama seeraa, Hawaasummaafi naamusa ogummaa irraa eegamu alaa tamsaasaa jiru.

Miidiyaaleen kunneen haawaa waliin jireenya hawaasaa miidhu, walitti bu'insaafi jequmsi akka uumamu kan kakaasan hawaasaafi namoota dhuuffarraatti haleellaan akoa raawwatamu kan affeeran tamsaafamuus eerera.

Kanaaf abbaa taayitichaa komee miidiyaalee dhaabbilee amantaa tokko tokkorratti dhihaatan naamusa ogummaafi seeraan qoratee akka barbaachisummaa isaatti qaamolee haqaaf kan dabarsu ta'uu beeksiseera.

Miidiyaaleen kaayyoo hundeeffamaniif ala bahanii naamusa ogummaafi seeran ala hojjetan ariitiin gochaa kanarra akka adabatan Abbaan Taayitichaa ibsa ergeen hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015