Ajajoonni raayyaa ittisaafi hidhattoonni ABUT Naayiroobiitti marii bu'aaqabeessa taasisan

140

Mudde, 14/2015(TOI) - Ajajoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaafi hidhattoonni ABUT Naayiroobiitti marii bu'aaqbeessa taasisuu Gamtaan Afrikaa beeksise.

Gamtaan Afrikaa ibsa baaseen, qaamoleen lamaan Keeniyaa, Naayiroobiitti dhimmoota mariin nageenyichaa karaattiin hojiirra ooluu danda’urratti marii bu'aaqabeessa taasisuu ibseera.

Walgahichi kan xumurame yeroon hordoffiifi waligalticha mirkaneessu baasuun akka ta'e ibsameera.

Qaamoleen lamaan marii nageenyaan booda tarkaanfii wal amantummaa agarsiisaniif kan galateeffate yoo ta'u, kana itti fufsiisuun nageenyaa waaraa Itoophiyaa fiduuf hojjechuu qabu jedha ibsichi.

Maricha Pirezdaantii Keeniyaa duraanii Uhuuruu Keeniyaattaafi bakka buutonni gamtichaa biroon gaggeessaniiru.

Gamtichi mikaa'ina marichaatiif gahee qaban kanneen akka mootummoota Keeniyaa, Ameerikaa, Norway, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, IGAD, Baankii Misooma Afrikaafi Waldaa Fannoo Diimaa Biyyoolessaa galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015