Hidha Haaromsa Guddichaaf galiin birrii miliyoona 702 walitti qabame

76

Mudde, 13/2015(TOI) - Bara bajataa kana ji'a afur keessaatti ijaarsa hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaaf kan oolu galiin birrii miliyoona 702 walitti qabamuun himame.

Ijaarsi hidhichaa hanga xumuramutti hawaasni deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufus waamichi taasifameera .

Waajjirri mana maree qindeessa ijaarsa Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa bara bajataa 2015 hawaasarraa deeggarsa birrii biliyoona 2 walitti qabuuf karoorfachuu beeksiseera.

Daarekatarri miidiyaafi Kominikeeshinii waajjirichaa Hayiluu Abirhaam akka himanitti maloota deeggarsi ittiin walitti qabaman adda addaan Itoophiyaanoonni fi dhalatoonni Itoophiyaa ijaarsa hidhichaaf deeggarsa taasisaa jiru.

Haaluma kanaan bara bajataa kanatti ji'oota arfan darban qofaatti galiin birrii miliyoonni 702 fi kumni 704 deeggarsaan walitti qabamuu himaniiru.

Gaaliin kun karaa bittaa boondii fi kennaan Biyyaa keessaafi diyaaspooraan, karaa ergaa gabaabaa 8100A akkasuma maloota galiin ittiin walitti qabaman biroon kan walitti qabamee ta'uu himaniiru.

Guyyaa ijaarsi hidhichaa itti jalqabe waggaa 12ffaa isaa sababeeffachuun sagantaan galii walitti qabuu addaa addaa qopheessuuf karoorri qabamuu himaniiru.

Hawaasni biyya keessaafi biyya alaa ijaarsi hidha haaromsaa kun hanga xumuramutti deeggarsa barbaachisu taasisuu akka itti fufanis gaafataniiru.

Garaa galiin ittin walitti qabamu beeksisuufi hubachiisuu keessatti miidiyaaleen gahee isaanii akka bahanis hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015