Talaallin ittisa Gifiraa sadarkaa biyyaatti kennamuu jalqabe

133

Mudde, 13/2015(TOI) - Talaallin ittisa dhibee Gifiraa sadarkaa biyyaatti kennamuu jalqabe.

Sirna sagantaa kana jalqabsiisuurratti Deetaan Ministeera Fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa Hogganaa Biiroo Fayyaa Finfinnee doktar Yohaannis Caalaa, abbootii amantaafi qaamoleen dhimmi ilaallatu biroon argamiiniru.

Doktar Darajjee Dhugumaa sagantaa kanarratti ergaa dabarsaniin dhibeen Gifiraa kun ji'oota sadan darban bali'inaan muli'achuu himanii keessattu bakkeewwan hongeefi waraanaan miidhaman keessatti bali'inaan mul'achuu himaniiru.

Rakkoo kana furuuf daa'immaan umuriin isaanii ji'a 9 hanga waggaa 5tti jiran miliyoona 15fi kuma 500 talaaliin ni kennama jedhaniiru.

Hogganaan Biiroo Fayyaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Yohaannis Caalaa gama isaaniin sadarkaa magaalichaatti daa'immani kumni 520 talaalicha ni fudhatu.

Talaalin kun har'a irraa jalqabee guyyoota 10'f kennama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015