Hayyoonni beekumsa bu’uureffachuun ijaarsa biyyaa keessaatti gahee isaanii akka bahatan gaafatame

80

Mudde 13/2015(TOI)- Hayyoonni beekumsa bu’uureffachuun ijaarsa mootummaa biyyaa keessaatti gahee isaanii akka bahatan Ministeerri nageenyaa waamicha dhiheesse.

“Ijaarsaa fi hayyoota” mata duree jedhuun sagantaan jalqabsiisa marii biyyaalessaa hayyootaa pireezidaantota yuunivarsiitiiwwanii, dhaabbilee qorannoo fi qaamolee dhimmichi ilaallatu biroo hirmaachise gaggeeffameera.

Ministirri Nageenyaa Binnaalfi Andu’aalam, waltajjiin marii biyyaalessaa Itoophiyatti nageenya waaraa mirkaneessuu fi dhimmoota waloo cimsuuf kan kaayyeffateedhaniiru.

Ijaarsa mootummaa biyya keessaa Itoophiyaa hinxumuramne jedhanii hayyoonnis yaadamaa siyaasaa walsakaaluu keessaa ba’uun yaada furmaataa beekumsarrattii bu’uureffate dhiyeessuu qabu jedhan.

Ijaarsi biyyaa kan bu’uureffamuu dhaabbilee cimaa fi walabaa ijaaruun yoo danda'ameedha jedhanii, hayyoonni gahee olaanaa qaban akka bahatan gaafataniiru.

Mariin biyyaalesaa hayyoota yuunivarsiitiiwwan, koolleejjoota, barsiisotaa fi barattoota manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa, hayyoota dhaabbilee qorannoo fi miseensotaa waldaalee siiviilii kuma 400 ol hirmaachisee fuuldurattii akka gaggeeffamuu eerameera.

Ministirri Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaa gama isanaiin hayyoonni injifannoo duraan argamee fi nagaa fi bilisummaa ogummaa isaaniin ittigaafatama itti fufsiisuu qabuu jhan.

Fiinxaalessummaa fi dallaa sabummaa keessa bahuun Ityoophiyaa hundaaf mijattuu fi badhaatuu dhugoomsuuf ijaarsa dhaabbileerratti gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.

Hayyoonni beekumsa isaanii fayyadamuun hawaasaa hiyyummaa keessaa baasuu fi kallattii jireenyaa fooyya’aa fuulduraa akeekuu akka qaban Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015