Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja lixaa humnaa fi maallaqasaaniin ummata tajaajilaa jirachuun ibsame

57

Mudde 12/2015(TOI) - Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja lixaa humnaa fi maallaqasaaniin ummata tajaajilaa jirachuu Kutaan Quunnamtii Uummataafi Miidiyaalee ajajichaa ibseera.

Miseensonni kunneen, baatii Sadaasaa darbetti midhaan lafa heektaara 41 ol irraa namoota humna hin qabneef walitti sassaabuun eerameera.

Akkasumas Birrii kuma 600 ol miindaa isaaniirraa walitti buusuun namoota harka qalleeyyiif deeggarsa garaagaraa taasisuu ibsameera.

Kana malees namoota 73'f deeggarsa qorannoo wal’ansa fayyaa fi qorichaa, namoota 21’f immoo tajaajila Ambulaansii akka argatan taasisaa jiraachuu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015