Dalaliin hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa akka hin guunneef hojiin yaa'a a Abbay misoomsuu xiyyeeffannoon hojjetama

395

AMudde, 12/2015(TOI) - Dalaliin hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa akka hin guunneef hojiin yaa'a a Abbay misoomsuu xiyyeeffannoon hojjetama jiraachuu Minsteerri Bishaaniifi Inarjii beeksise.

Ministeerichatti deetaan damee qabeenya Bishaanii doktar Abrihaa Addunyaa TOItti akka himanitti yaa'i Abbay gaarreen kan itti baay'ataniifi yeroo dheeraaf hojii qonnaaf oolaa kan turef carraan lolaan biyyoo haree laga abbaayitti dabaluu guddadha.

Biyyoon yaa'awwan kanarraa haramee gara Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa galu dalaliin akka hidhicha guutee rakkoo hin uumne ammumarraa hojiin yaa'a kana misoomsuufi kununsuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru.

Hojiin kununsa qabeenya umamaa akka biyyee, Daagaa hojjechuufi biqiltoota jiran kununsuufi haaraa dhaabuu karaa hawaasa hirmaachiseen hojjechuun itti fufa jedhan.

Dalabalatanis hojiin misooma yaa'awaanii qorannoo irratti hundaa'e akka geggeeffamuuf dhaabbilee barnoota olaanoo waliin ta'uun hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Hojii haga ammaatti misooma sululawaaniirratti hojjetameen milkaa'inni gaariin argamuu himanii, misooma kanarratti hunduu hirmaannaa akka taasisu gaafataniiru.

Yeroo dhihootti naannoo Oromiyaa bakkeewwan Afuritti, naannoo Amahaaraa bakkeewwan saditti, akkasuma naannoo Beenishaangul Gumuzitti bakkeewwan afuritti adda baafamee hojiin misooma sululaa kan hojjetamu ta'uu himaniiru.

Keessaayyuu hojiin ashaaraa magariisaa karaa saayinsawaa ta'een hojjetamu cimee akka itti fufu xiyyeeffannoo keenya jedhaniiru.

Ministeerichi ministeera Qonnaa dabalatee qamoolee misoomaa fi kununsa naannoorratti hojjetan waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu dokatar Abrihaan himaniiru.

Hojiin kununsa qabeenya umamaa bona kana hojjetamuu karaa saayinsaan akka hojjetamuufi kan ganna darbe hojjetame immoo kunfamuu qabu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015