Jilli Hoji Gaggeessituu Itiyoo Telekoomiin durfamu Sudaan kibbaatti daawwannaa hojii taasise

88

Mudde 12/2015 (TOI)- Jilli Hoji Gaggeessituu Itiyoo Telekoom Firehiiwoot Taammiruun durfamu Sudan Kibbaatti daawwannaa hojii taasiseera.Jilichi Ministira Tajaajila Poostaa, Kominikeeshinii fi Infoormeeshinii Sudaan Kibbaa, Abba Taayitaa Kominikeshinii Biyyaalessaa, Ministiroota fi Aanga’oota biroo Sudaan Kibbaa waliin mari’ateera.

Marii isaaniin fedhii bu’uuraalee misoomaa telekoom Sudaan Kibbaa akkasumas hojiilee ijaarsa bu’uuraalee misoomaa telekoom biyyoota obbolaa lameen gidduurratti mari’ataniiru.

Aanga’oonni Sudaan Kibbaas Itiyoo Telekoom gabaa Telekoom Sudaan Kibbaa jiru abuuruun fedhii jiruu dinqisifachuun, damechaarratti hirmaannaa Itiyoo Telekoom taasisuuf deeggaruuf qophii ta’uu ibsaniiru. Hoji Gaggeessituun Itiyoo Telekoom gama isaaniin dhaabbatichi hangafa waggoota 128 fi Afrika keessaas oppireetara Telekoom adda duree ta’uu yaadachiisaniiru.

Dhaabbatichi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa Ityoo Telekoom fi bulchiinsaa akkasumas madaalummaa gatii mirkaneessuuf muuxannoo gaarii qooduun, Mootummaan Sudaan Kibbaa waliingahiinsa tajaajila telekoom fi walgitiinsa gatii mirkaneessuuf tattaaffii taasisuu keessatti qorannoo barbaachisaa taasisuun hirmaachuuf qophaa’ummaa jiru mirkaneessaniiru.

Wayita daawwannichaattis gareen jilichaa hoggantoota Baankii Daldalaa fi Daandii Qilleensa Ityoophiyaa waliin sochii bizininasii Sudaan Kibbaa fi muuxannoo jirurratti mari’achuu ragaan Itiyoo telekoom irraa argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015