Oromiyaatti hojii ashaaraa magariisaa hojjetamaa jiruun uwwisni bosonaa naannichaatti guddachaa jira

456

Mudde, 11/2015(TOI) - Naannoo Oromiyaatti hojii ashaaraa magariisaa hojjetamaa jiruun uwwisni bosonaa naannichaatti guddachaa jiraachuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.

Naannicha godina Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraatti biqiltuu sagantaa ashaaraa magariisaan yeroo gannaa dhaabamaniif kununis taasifama jira.

Hojii eegumsaafi Kununsa naannoo irratti sagantaa ashaaraa magariisaan hojjetamerratti beekamtiin ministirri muummee aegatan caalaati kakaumsa kan uumudha jedhameera.

Itti aanaan Biiroo Qonna Oromiyaa obbo Mahaamadisaanii Amiin hojii kununsa biqiltuu yeroo gannaa dhaabbame kununsuu godina Iluu Abbaa Booritti geggeeffamerratti argamuun akka dubbatanitti naannichatti bara darbe biqiltuun biliyoona 13.5 dhaabameera.

Kanaanis qabeenyi bosonaa naannichaa haphachaa dhufee ture jabanachuu himaniiru.

Uwwisa bosonaa jiru kan durii caalaa dabaluu biqiltuu dhaabaman kununsuufi haaraa dhaabuu akkasuma qabeenya umamaa biroo kununsuun cimee kan itti fufu ta'uu himaniiru.

Bona kana bifa qindaa'aa ta'een hojiin kununsa biyyeefi bishaanii kan hojjetamu ta'uu himanii ganna dhugu immoo biqiltuu biliyoona 4 dhaabuuf ammumarraa qophiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015