Naannichi galteewwan nyaata bartootaaf barbaachisan manneen barnootaa kuma 9 dhiheessaa jira

128

Mudde, 11/2015(TOI) - Naannoo Oromiyaatti galteewwan nyaata bartootaaf barbaachisan hawaasarraa walitti qabuun manneen barnootaa kuma 9 dhiheessaa jiraachuu Buusa Gonofaan naannichaa beeksise.

Buusa Gonofaan Oromiyaa aadaafi duudhaa walgargaarsaa uummata Oromoo bu'uura godhachuun bara darbe hundaa'uun isaa ni yaadatama.

Biiroon Buusaa Gonofaa naannichaa caalmaatti balawan umamaafi namtolcheen yeroo rakkoon mudatu hojii deebisanii dhaabuu hojjechaa kan ture ta'us bara kana garuu dabalataan naannichatti galteewwan nyaata bartootaaf manneen barnootaatti dhiheessuuf barbaachisan uummatarraa walitti qabee manneen barnootaaf dhiheessaa jiraachuu hogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa obbo Musxafaa Kadir TOItti himaniiru.

Haaluma kanaan naannichatti manneen barnootaa kuma 15 naannawaa haala qilleensaa baddaa qabanitti hanga kutaa 4ffaa fi naannawaa gammoojjiitti immoo haga kutaa 8ffaatti baratoota barsiisaniif galteewwan nyaata mana barnootaatti baratootaaf dhiheessuuf barbaachisan dhiheessuuf karoorfamee hanga ammaatti manneen barnootaa kuma 9'f dhiheessuun danda'ameera jedhaniiru.

Akka obbo Musxafaan himanitti manneen barnootaa kuma 9 kana keessatti baratoonni baratan miliyoonni 3 fi kumni 800 fayyadamoo ta'aniiru.

Manneen barnootaa haga ammaatti nyaata baratootaaf dhiheessuu fayyadamoo hin taane fayyadamoo taasisuuf Buusaa Gonofaan hojiiwwan adda addaa hojjechaa jira jedhaniiru.

Keessayyu naannichatti waqtiin kun yeroo oomishi itti galu waan ta'ee carraa kana fayyadamuun dhiheessii nyaata bartoota kana jalqabuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Naannichatti Buusaa Gonofaan galteewwan nyaata dhiheessuuf barbaachisan manneen barnootaaf dhiheessa. Mannen barnootaa immoo galtee kana fayyadamuun baratootaaf nyaata mana barnootaa isaaniitti dhiheessu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015