Miseensonni Raayyaa Ittisaa dirqamarra jiran hawaasaaf oomisha gahe walitti qaban

126

Mudde 11/2015 (TOI) – Miseensonni Raayyaa Ittisaa kutaan waraanaa 22ffaan naannawaa dirqamarra jiranitti namoota humna dhabeeyyiif oomisha midhaanii gahe walitti qaban.

Duudhaa dhaabbatichaa ummataa fi biyyaaf dursa laachuu jedhu qabachuun minseensonni Raayyaa Ittisaa maallaqaa fi humnaan hawaasa tajaajilaa jiraachuu dursaan garee ijaarsa xinsammuu kutaa waraanichaa Kumalaa Addisuu Alamaayyoon ibsaniiru.

Raayyichi ergama itti laatame cinaatti oomisha hawaasa humna dhabeeyyii walitti qabuun ummattummaa isaa qabatamaan agarsiisuu eeraniiru.

Kutaaleen hawaasaa deeggarsi taasiifameefis miseensota raayyichaa galateeffachuu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015