Buufanni naannawaa daldalaa Bilisaa Dirree Dawaa guyyaatti konkolaattota fe’umsaa 150 ol keessummeessaa jira.

82

Mudde 11/2015(TOI)- Buufanni gogaa Naannawaa Daldala Bilisaa Dirree Dawaa guyyaatti konkolaattota fe’umsaa 150 ol keessummeessaa jiraachuu Tajaajilli Geejjiba Galaanarraafi Loojistikii ibse.

Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad daldala ala ergii fi alaa galchii Itoophiyaa fi biyyoota godinichaa saffisiisu keessaatti gahee olaanaa ni qabaata jedhamee kan ijaaramee daldalaa Bilisaa Dirree Dawaa jalqabsiisuun isaanii ni yaadatama

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Tajaajila Geejjiba Galaanarraafi Loojistikii Itoophiyaa obbo Roobaa Magarsaa TOItti akka himanitti naannawaan daldala bilisaa bu'uura misoomaa bakka maamiltoonni dhiheenyaatti argatanidha.Naannawaan daldalichaa dhiyeessitootaafi fayyadamtoota kan walquunnamsiisu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan tajaajilichaa obbo Roobaa Magarsaan ibsaniiru.

Tajaajiloota naannawaa daldalichaatti kennaman keessaa tokko tajaajila loojistikii ta’uu ibsuun, buufatni gogaa ammayyaan ijaaramuu addeessaniiru.

Naannawaa daldalichaa keessatti bu’uuraaleen misoomaa loojistikii tajaajila daldalaa bilisaa kennu ni jiraata jedhaniiru.

Naannawaan Daldalaa Bilisaa Dirree Dawaa dhiyeenyatti tajaajila argachuu dandeessisuurra darbee sharafa alaa argamsiisuufi carraa hojii uumuurratti faayidaa olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Yeroo ammaa naannawaan daldalichaa guyyaa guyyaatti konkolaattota 150 ol keessummeessuun tajaajila loojistikii si’ataa kennaa jiraachuu ibsuusaaniiru.

Hawaasni daldalaas gara gabaa kanaatti galuun qindoominaan hojjechuu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015