Oromiyaatti Misooma Jallisii bonaan lafa heektaara kuma 715 irra Qamadiin facaarameera - ENA Afaan Oromoo
Oromiyaatti Misooma Jallisii bonaan lafa heektaara kuma 715 irra Qamadiin facaarameera
Mudde, 10/2015(TOI) - Naannoo Oromiyaatti Misooma Jallisii bonaan lafa heektaara kuma 715 irra Qamadiin facaafamuu Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise.
Hogganaan Biiroo Qonnaa naannichaa obbo Geetuu Gammachuu haala raawwii waliigalaa misooma qonnaa naannichaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Obbo Geetuun akka himanitti bara kana naannichatti lafa heektaara miliyoona 1 irratti jallisiin Qamadii oomishuuf karoorfamee hojjetama jira.
Hojii kanaan haga ammaatti lafa heektaara kuma 715 qamadii jallisii bonaan facaafameera jedhaniiru.
Qamadii jallisiin misoomurra callaa kumtaala miliyoona 38 argachuuf karoorfamuu himaniiru.
Qonnaan bultootaaf xaa'oo, Sanyii filatamaa, Baampii bishaan harkisufi tekinolojiiwwan biroo qonnaan bultootaaf dhiheessaa jiraachuu himaniiru.
Oomisha Qamadii malees Kuduraafi muduraa, Ruuzii, Garbuu Biiraafi oomisha biroonis milkaa'inni gaariin argamaa jiraachuu himaniiru.
Gama hojii ashaaraa magariisaan naannichatti waggoota afuriin dura lafti bosonaan uffifame harka 18 yoo ta'u yeroo ammaa harka 26.6tti guddateera jedhaniiru.
Guyyaa boruu naannichatti bakka hundaattu sagantaan kununsa biqiltootaa kan geggeeffamu ta'uus himaniiru.