Oomisha Foonii ji'oota shanan darban gabaa alaaf dhihaaterraa galiin doolaara miliyoonaa 41 ol argameera

104

Mudde, 10/2015(TOI) - Oomisha Foonii ji'oota shanan darban gabaa alaaf dhihaaterraa galiin doolaara miliyoonaa 41 ol argamuu Abbaan Taayitaa Qonna Itoophiyaa beeksise.

Bara bajataa kana keessaa foon toonii kuma 28 gabaa alaaf dhiheessuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuus Abbaan Taayitichaa beeksiseera.

Abbaa Taayitichaatti daarekatarri 'Ekispoorti Qeeraa Inspeeksiinfi Sartafikeeshiinii' doktar Ayaaleewu Shumat Tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti, ji'oota shanan darban oomisha Foonii gabaa alaatti ergamerraa galiin doolaa miliyoonaa 41 fi kuma 800 argameera.

Galiin kunis kan argame Fooni toonii 5900 gabaa alaatti ergamerraa ta'uu himaniiru.Oomishinni Foonii kunis baay'inaan kan ergame gabaa Dubaay, Saawud Arabiyaafi Kuweetitti ta'uus eeraniiru.

Bara bajataa kana keessaa foon toonii kuma 28 gabaa alaaf dhiheessuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuus Abbaan Taayitichaa beeksiseera.

Kanarraas galiin doolaara Ameerikaa miliyoona 150 ni argama jedhamee hojjetamaa akka jiru doktar Ayyaalewu Shumat himaniiru.Oomishinni Foonii qulqullina isaa eeggatee baay'inaan gabaaf akka dhihaatuuf hojiileen barbaachisuun hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Keessaayyu biyyoota akka Chaayinaa, Indooneezhiyaa akkasuma biyyoota Awuroophaatti erguuf qulqullina barbaachisu guutuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Humna amma jiruun waggaatti Foon toonii kuma 200 gabaa alaa dhiheessuun kan danda'amu ta'uu himanii, kana milkeesuufis hojjetamaa jira jedhaniiru.Dabalataanis fedhii dhiheessii Foonii biyya keessa jiru guutuufis hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Gama kanaan sagantaan Maaddii Guutuu yeroo ammaa jalqabame rakkoo jiru furuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Itoophiyaan yeroo ammaa Horii gaafaa miliyoona 70.2, Hoolaa miliyoonaa 40.9, Gaala miliyoona 8 akkasuma Ro'ootaa miliyoona 52 qabaachuu ragaan Abbaa Taayitaa Qonna Itoophiyaarra argame ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015