Obbo Awwal Arbaa hojii misooma Qonnaa dureeyyoota Kuweetiin naannichatti hojjetamaa jiru daawwatan

156

Mudde, 10/2015(TOI) - Pirezidaantiin Naannoo Affaar obbo Awal Arbaa naannichatti hojii misoomaa qonnaa lafa heekataara kuma 5 irratti dureeyyoota Kuweetiin hojjetamaa jiru daawwatan.

Obbo Awwal hojii misoomaa aanaa Asaayittaatti dureeyyoota kanneeniin hojjetamaa jirudha kan daawwatan.

Dureeyyonni Kuweetti naannichatti mala ammayyaan lafa heekataara kuma 5 irratti hojii misoomaa Qamadii, Boqqoolloo, Nyaata Beelladaafi oomishaalee biroo oomishuuf qophiirra jiru.

Obbo Awwal daawwannaa kanarratti akka himanitti muuxannoo hojii misoomaa qonnaa tekinolojii ammayyaan deeggaramuun hojjetamaa jiru gara aanaalee birootti babali'isuun wabii midhaan nyaataan ofdanda'uuratti xiyyeeffachuu qabana jedhaniiru.

Dureeyyoonni hojii kana hojjechaa jiranis gama isaaniinhojiin misooma qonnaa kun dhaabbata isaanii qofaan kan hojjetamu osoo hin taane hawaasni naannoos akka irratti hirmaatuuf leenjiiwwan adda addaa kennuun hojii misoomaa kana hojjetanii akka fayyadamoo ta'an karoora qabaachuu himaniiru.

Hojiin misooma qonnaa kun akka milkaa'ufi wabii midhaan nyaatan of danda'uu keessaatti gahee olaanaa waan qabuun mootummaan naannichaa deeggarsafi hordoffii barbaachisu taasisaa jiraachuu ragaan Wajjiira Kominikeeshinii naannichaarra argame ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015