Arjantiinaan waancaa addunyaa 22ffaa injifatte.

256

Mudde 10/2015(TOI) Qopheessummaa Kaataariin geggeeffamaa kan ture Waancaa addunyaa 22ffaa Arjentiinaan Faransaay mo'achuun fudhatte.

Arjantiinaan Waancaa addunyaa erga injifattee wagga 36 turteetti.

Waancaa addunyaa 22ffaa qopheessummaa Kaataariin geggeeffamaa ture kana Arjantiinaan rukkaa addabbiin Faransaay injifatte.

Seenaa Waancaa Addunyaa keessatti Arjantiinaan yeroo 3ffaaf Waancaa addunyaa injifatte.

Liyoneel Meesiin Waancaa Addunyaa, Shaampiyoonsi Liigiifi Baalondoor taphataa injifachuu danda'e isa 5ffaa ta'eera.

Taphaatan garee biyyaalessaa Faransaay Kiliyaan Mebaappee Waancaa addunyaa qopheessummaa Kaataariin geggeeffamaa ture kanarratti goolii 8 galchuun kophee Warqee fudhateera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015