Labsiin qabeenya socho’aa wabiin qabsiisuun tajaajila liqii argachuu dhiyeenyatti ni ifooma - ENA Afaan Oromoo
Labsiin qabeenya socho’aa wabiin qabsiisuun tajaajila liqii argachuu dhiyeenyatti ni ifooma
Mudde 9/2015 (TOI)- Labsiin qabeenya socho’aa wabiin qabsiisuun tajaajila liqii argachuun dhiyeenyatti akka ifoomu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Yinnaagar Dasseen ibsaniiru.
Labsichi, keessumaa naannawaa baadiyyaa biyyattii fayyadamtoota kan taasisu yoo ta’u, baankileen biyya keessaa hanga ammaatti namoota kuma 330 kan hincaalleef liqii kennuu eeraniiru.
Baay’ina lammiilee biyyattiin yoo madaalamu gadaanaa waan ta’eef, yeroo ammaa rakkoo kana furuuf qabeenya socho’aa wabiin qabsiisuun tajaajila liqii kan kennisiisu labsiin ba’uun hojiirra oolchuuf qophiin xumuramuu eeraniiru.
Keessumaa qonnaan bultoonni fi horsiisee bultoonni, beeyladoota, lafa fi mirga abbaa lafummaa qabsiisuun liqiiwwan argachuu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.
Labsiin kunis dhiyeenyatti Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti akka ifoomu ibsuu isaaniiru.