Hawaasni roobni waqtiisaa malee roobu akka hin balleessine oomisha gahee yeroon walitti qabuu qaba

332

Mudde, 7/2015(TOI) - Hawaasni roobni waqtiisaa malee roobu akka hin balleessine oomisha gahee yeroon walitti qabuu akka qabu Ejensiin Metirolojii Biyyaaleessaa hubachiise.

Ejensichatti Itti gaafatamaan raagafi balbaloomsii haala qilleensaa yeroo dheeraa Mulaalem Abarraa TOItti akka himanitti jiddu kana Itoophiyaa bakkee tokko tokkootti roobni waqtii malee roobeera.

Akka fakkeenyaattis godina Guraagee naannawaa Bu'ii, Godina Silxee bakkeewwan tokko tokkotti, akkasuma Kaaba biyyatti bakkee adda addaatti rooba jiddugaleessa kan yeroo isaa hin eegne roobeera.

Raagni jiru akka agarsiisuutti roobni kun kan itti fufinsa qabu ta'uu baatuus jijjirama haala qillensaa mudachuu danda'uun roobni tasaa roobuu danda'a jedhaniiru.Kanaaf hawaasni ofeeggannoo gochuu akka qabu hubachiisaniiru.

Keessaayyuu guyyoota lamaan dhufan keessatti roobinni xiqqaan roobuu waan danda'uuf hawaasni oomisha haamamee tuulamee jiru akka roobni hin balleessine waan rooba irraa ittisu itti uffisuun, kan calleeffamee jiru immoo gara gootaraatti akka galchatu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015