Maambuukii Fi Naannawa Isaatti Walitti Bu'iinsa Uumamee Tureen Namoonni Shakkamanii To'annaa Jala Oolan 62 Qaqqabuu Poolisiin Beeksise

55

Asoosaa Caamsaa 01/2011 Naannoo Beeniishaanguul Guumz Godina Matakkal Maambuukii fi naannawa isaatti walitti bu'iinsa uumamee tureen namoonni shakkamanii to'annaa jala oolan 62 qaqqabuu poolisiin beeksise.        

Komishinarri Komishinii Poolisii Naannoo Beenishaanguul Guumz Mahaammad Hamdaniil tajaajila oduu Itiyoophiyaaf akka jedhanitti, Maambuukii fi naannawi isaa gara tasgabbii duraatti deebi'eera.  

" Rakkoo nageenyaa tureen tajaajilli geejjibaa Asoosaa - Gilgal Balas, Gilgal Balas - Maambuuk, Gilgal Balas - Paawwee - Paawwee - Jaawwii - Maankuushii fi magaalota biroo kaleessaa eegalee tajaajila kennuu eegaleera "  jedhaniiru.  

Gareen sababii walitti bu'iinsaa qoratu naannoo fi federaalarraa hundaa'e hojiisaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Maambuukii fi naannawa isaatti shakkamtoonni qabaman 50, Jaawwiidhaa ammoo 12 ta’uu eeraniiru.  

Shakkamtoonni kunneenis Godina Matakkal magaalaa Gilgal Balasii fi magaala Maambuukiitti hidhamanii akka argaman ibsaniiru.

Shakkamtoota kanneen irrattis hojiin ragaa sassaabuu cimee itti fufee jiras jedhaniiru.

Godina kanatti yeroo darbe keessa Xiyyi 200 ol qabamuu isaas  komishinarichi eeraniiru.

Maambuukii fi naannawa isaatti walitti bu'iinsa uumamee tureen namoonni 21 du'uun isaanii ni yadatama

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015