Godina Gujiitti bona kana lafa heekataaraa kuma 105 irratti hojiin kununsa qabeenya umamaa ni hojjetama.

311

Mudde, 6/2015(TOI) - Godina Gujiitti bona kana sululawwan 268 keessatti lafa heekataaraa kuma 105 irratti hojiin kununsa qabeenya umamaa kan hojjetamu ta'uu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiseera.

Waajjirichatti ogeessi kununsa qabeenya umamaa obbo Faxxanaa Kabbadaa akka himanitti godinichatti saaxilamummaa hangee hiri'isuuf hojii kununsa naannoo hojjetamuuf sululawwan 268 adda baafamaniiru.

Hojiin kununsa qabeenya umamaa kun addatti kan hojjetamu lafa heekataara kuma 105 sababa adda addaan miidhaman irratti ta'uus himaniiru.

Kanaanis gaarreewwan irratti hojii daagaa hojjechuu, bo'oo lolaa mijeesuufi bakka biqiltoonni dhaabbatan qopheessuun kan hojjetamu ta'uu himaniiru.

Hojii kanaan daagaa kiilomeetira 1385, Boolaa bishaan keessatti kuufamu kuma 343, lafa sababa lolaan nyaatame biyyoo meetirikuubii kuma 37 duuchuufi kanneen biroon ni hojjetamu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015