Qonnaan bultoonni Godinichaa sanyii Muuzii filatamaa omishinni isaanii olaanaa ta'e oomishuun fayyadamoo ta'uuf hojjechaa jiru

134

Mudde, 6/2015(TOI) - Qonnaan Bultoonni Godina Iluu Abbaa Booraa sanyii Muuzii filatamaa omishinni isaanii olaanaa ta'e oomishuun fayyadamoo ta'uuf hojjechaa jiraachuu himan.

Qonnaan bultoonni TOI dubbise akka himanitti deeggarsa ogeeyyii qonnaan sanyii muuzii kana oomishaa jiru.

Godinichatti jiraataa aanaa Yaayyoo ganda Wixatee kan ta'an obbo Iggazuu Firrisaa bara darbee biqiltuu sanyii Muuzii filatamaa oomishaa gaarii kennaan Waajjira Qonnaarraa fudhachuu himaniiru.

Muuziin dursee dhaabamee yeroo ammaa oomishaa laachuu jalqabuu himanii, cinaatti immoo biqiltuu Muuzii kanaa baay'isuun galii dabalataa argachuuf hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Aanichatti dargaggoo Kamaal Tamaamis hojii oomisha Muuziifi sanyii Muuzii baay'isuu namoota hojjetaan keessa tokkodha.

Akka inni himetti bara darbee biqiltuu sanyii Muuzii Filatamaa 400 kan dhaabe yoo ta'uu yeroo ammaa baay'isuun gara 3000 gaheera.

Kanarraas gar tokkee isaa gama ogeeyyii qonnaan qonnaan bultoota birootti gurguruun galii birrii kuma 50 irraa argachuuf karoorfachuu himeera.

Jiraataa aanaa Hurrumuu ganda Wangeenyee kan ta'e dargaggoo Malkaamuu Tsaggaayees gurgurtaa biqiltuu sanyiI filatamaa Muuziirraa fayyadamaa ta'aa jiraachuu himeera.

Daraggoon kun lafa heektaara walakkaarratti hojii oomishaa Muuzii hojjechaa jiraachuu himeera. Gara fuula duraatti kana caalaa bal'isuu hojjechuuf karoora akka qabu himeera.

Qonnaan bultoonni oomisha Muuzii kan hojjetan akka himanitti sanyii muuzii filatamaa muka tokko irraa Muuzii firii 300 hanga 400tu argama. Kun immoo sanyii muuzii kanaan dura ture waliin yoo madaalamu caalmaa 100 hanga 200 qaba jedhaniiru.

Haala gabaa amma jiruun muka muuzii tokkoorraa muuzii oomishamu hanga birrii 1000 argachaa kan jiran ta'uu himanii, muuzii kanaan dura oomishaa turan waliin yoo madaalamu hanga 400 caalmaa qaba jedhaniiru.

Waajjira Qonnaa Godina Iluu Abbaa Booraatti ogeessii Fuduraafi muduraa obbo Addisuu Maamushaa gama isaaniin akka himanitti sanyiin Muuzii filatamaa yeroo ammaa qonnaan bultoonnii oomishaa jiran kun oomishinni isaa sanyii muuzii kanaan dura ture dachaan caala.

Sanyiin Muuzii kun dhaabatee waggaa tokkoon booda firii kan godhatu ta'uus himaniiru.

Godinichatti qonnaan bultoota aanaalee hundaan sanyii muuzii kana gahuuf hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015