Jiddugalli Qorannoo Kanniisaa Hoolotaa hojiilee milkaa'ina Maaddii guutuu milkeessuuf kan gargaaran hojjechaa jira.

276

Mudde, 5/2015(TOI0 - Jiddugalli Qorannoo Kanniisaa Hoolotaa hojiilee milkaa'ina Maaddii guutuu milkeessuuf kan gargaaran hojjechaa jira.

Jiddugalichi hojii karoora Maaddii guutuun qabame galmaan gahuuf hojii Gaagura ammayyaa oomishuufi Kannisa horsiisee hawaasaaf dhiheessuu hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Itoophiyaan sadarkaa addunyaatti dorgomtuu kan ishee taasisuu Hoomaa Kannisaa miliyoona 10 ol kan qabdu ta'us , waggaatti oomishinni dammaa isheen argattu garuu toonii kuma 70 hin caalu.

Qabeenyaa Kanniisaa Itoophiyaan qabdu ilaalchuusuun ragaan jiran akka muli'isutti hoomaa kanniisaa miliyoonaa 10 Itoophiyaan qabdu keessaa miliyoona 7 kan ta'u qonnaan bultoota harka jira. Miliyoonni 3 hafe immoo bosonatti kan argamudha.

Daarektarri olaanaa Jiddugala qorannoo Kanniisaa Hoolotaa Kibaboowu Waaqjiraa akka TOItti himanitti qabeenyaa kannisaa Itoophiyaan qabdu qorannoon gabbisuun kaayyoo Maaddii Guutuu galmaan gahuun ni danda'ama.

Qonnaan bultoonni Itoophiyaa gaagura Kannisaa tokko irraa oomishinni dammaa argataan kiiloo 10 kan hin caallee ta'uu himanii oomishaa kana guddisuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Inistiitiyutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaatti Jiddugalli Qorannoo Kanniisaa Hoolotaa qorannoon gaagura tokkorraa hanga damma kilogiraamaa 60 oomishuu tekinolojii dandeesisuu hawaasaan gahaa jiraachuu himaniiru.

Jiddugalli Qorannoo Kanniisaa Hoolotaa sanyii Kanniisaa oomisha gaarii laataan 5 qorannoon adda baasuus himaniiru

Itoophiyaan waggaatti damma toonii kuma 500 oomishuu kan dandeessuu yoo ta'u sagantaa Maaddii Guutuun karoora qabame galmaan gahuun humni dandeesisu kan jiru ta'uu himaniiru.

Jiddugala qorannoo Kanniisaa Hoolotaatti qorataa olaanaafi qindeessaan Qorannoo Kanniisaa Biyyaaleessaa doktar Amsaaluu Bazzaabbi Itoophiyaatti oomishaafi oomishitummaa dammaa guddisuuf kan gargaaru paakejii guutuun qophaa'ee gara hojiitti galameera jedhaniiru.

Gosa dammaafi qulqullina isaa murteessuuf kan gargaaraan goosoonnu mukaa 2000 ol adda baafamanii itti fayyadamtootaan gahamaa jiraachuus himaniiru.

Bara kana qofa oomishitummaafi qulqullina dammaa dabaluu kan danda'an bilqtoonni kuma 50 qonnaan bultootaaf qoodamuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015