Magaalaa Jimmaatti dureeyyoonni kaappitaalaa birrii biliyoona 1.23 galmeessaan hojii invastimantiitti galan

165

Mudde, 5/20159TOI) - Magaalaa Jimmaatti hojiiwwan invastimantii 65 ijaarsarra turan keessaa 41 xumuramanii gara hojiitti galaa jiraachuu waajjirri Invastimanitii Magaalichaa beeksise.

Itti gaafatamaan Waajjira Invastimanitii Magaalichaa obbo Ajaa'ib Abbaa Maccaa akka himanitti magaalichatti hojii invastimantiitti ijaarsi isaanii xumuramee gara hojiitti galaa jiran 22 tajaajila, 12 damee oomishaafi qonnaarratti.

Isaan kana keessatti Hooteloonni, warshaan Qulqulleesituu bishaaniifi Cuunfaa Zayitaa keessatti kan argaman ta'uu Ajaa'ib Abbaa Maccaa himaniiru.Dureeyyoonnii hojii invastimantii kanneen hojjetan waliigalaan kaappitaalaa birrii biliyoona 1.23 kan galmeessaan yoo ta'u, haga ammaatti lammilee 1325 carraa hojii uumuu himaniiru.

Dureeyyoonni 57 ta'an immoo hojii invastimantii adda addaa haaraa jalqabuuf qophaa'aa jiraachuu himaniiru.

Dureeyyoota hojii invastimantii magaalichatti hojjechaa jiran keessaa tokko obbo Indaalee Taasisaa hootela magaalichatti birrii miliyoona 170 ijaarsisan ji'a tokkoon booda kan eebbisiisan ta'uu himaniiru.

Hojiin isaanii kun yero ijaarsarra ture lammilee 500 carraa hojii uumuu himanii yeroo hojii jalqabu immoo lammilee 200 carraa hojii ni uuma jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015