Itoophiyaan nageenya egeree afriikaa bahaaf ciminaan hojjetteetti – Ambaasaaddara Taayyee

1353


Finfinnee Mudde 24/2011 Itoophiyaan turtii ishee miseensa mana mare tasgabbii  mootummoota wal ta’anii keessatti nageenya egeree Afriikaa bahaatiif ciminaan hojjetteetti jedhame.

Dhaabbata mootummoota wal ta’aniitti bakka bu’aan dhaabbataa Itoophiyaa kan ta’an Ambaasaaddar Taayyee Azqasillaasee ibsa kennaniin, Itoophiyaan turtii ishee mana marichaa keessatti hojii bu’a qabeessa hojjechuu ishee mirkaneessaniiru.

Keessattuu Itoophiyaan ertiraa waliin araaramuu isheetiin uggurri Ertiraa irra kaa’ame akka ka’u Itoophiyaan biyyoota qindeessuudhaan ga’ee murteessaa ta’e ba’uun ishee ibsameera.

Hojiin kun miseensota dhaabbataa mana marichaa kan ta’an kanneen biroo waliin qindaa’uun  kan hojjetame ta’uu ibsanii, walitti bu’iinsi kan keessaa hin dhabamne gaanfa Afriikaatiif bu’aa guddaa ta’uusaa himaniiru.  

Raayyaan nagaa eegsisaa dhaabbatichaa bulchiinsa Abiyyee keessatti bobba’e hojii bu’a qabeessa akka hojjetu raayyaan kun Itoophiyaadhaan akka hoogganamu biyyoonni beekamtii kennanniiruuf jedhaniiru.

Itoophiyaa  bakka bu’oota Afriikaanotaa biro waliin qindaa’uudhaan yeroon turtii raayyaa dhaabbata mootummootaa Abiyyeetti bobba’ee akka dheeratu gochuu ishee eeraniiru.

Raayyaan nagaa eegsisaa Sudaan Daarfuuritti bobba’e hojii bu’a qabeessa akka hojjetuu fi biyyitiin akka tasgabbooftu gorsa kennuudhaan akka deeggarte dubbataniiru.

Sumaaliyaatti mootummaan giddu galeessaa akka cimu gochuuf raayyaan nagaa kabachiisaa gamtaa Afriikaa dhaabbata mootummootaarraa deeggarsa guutuu akka argatu hojjetameera jedhaniiru.

Burundii, riippabiliika Afriikaa giddu gala fi riippaabiliika demokiraatiik Koongootti tasgabbii egeree buusuuf sagaleessuurra darbee Itoophiyaan yaada murtee dhiheessuu ishee eeraniiru.

Gama biraatiin walitti bu’iinsa Sooriyaa fi Yaman ka’umsa godhachuun badiin dhala namaarra ga’u deebii hatattamaa akka argatu hawaasni addunyaa  akka hubatu hojjechuu ishee hubachiisaniiru.

Faayidaa Itoophiyaa eegsisuu fi biyyatti hawaasa addunyaa biratti beeksisuuf hojii hojjetameen Itoophiyaan turtii ishee sirriitti itti fayyadamuu ishee dubbataniiru.

Wayita ammaa xiyyeeffannoon kan itti kenname jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisee Itoophiyaan fala kan ta’u hojii gaarii akka hojjette dubbataniiru. 

Turtii waggaa lamaa keessatti mana marichaatiin wal g’iiwwan adeemsifaman 560 fi yaada murtee 109 keessaatti Itoophiyaan hirmaachuu ishee hubachiisaniiru.