Bara bajatichaatti karoora misooma Qamadii milkeessuuf qophiin duraa xumuramee gara hojiitti galameera

81

Mudde, 5/2015(TOI) - Naannoo Affaaritti bara bajatichaatti karoora misooma Qamadii milkeessuuf qophiin duraa xumuramee gara hojiitti galamuu Pirezidaantiin naannichaa obbo Awwal Arbaa himan.

Obbo Awwal Arbaa akka himanitti sababa lolaan bu'oowwan jallisii miidhamanii turan sirreesuufi lafa qonnaa bal'aa qopheessuun hojii xiyyeeffannoon hojjetamaa jirudha.

Misoomaa qonna Qamadiin karoora qabamee jiru milkeesuuf naannichi deeggarsa barbaachisu hundaa taasisaa jiraachuus himaniiru.

Kanaanis misoomaa oomisha Qamadiif kan oolu sanyii filatamaa fi xaa'oo dhiheessuu dabalatee deeggarsi taasifamaa jiraachuu Pirezidaantiin naannichaa obbo Awwal Arbaa himuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannicharra argame ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015