Talaalliin Vaayirasii Koroonaa marsaan 4ffaa torban dhufurraa jalqabee ni kennama.

144

Mudde 4/2015(TOI) - Talaalliin Vaayirasii Koroonaa marsaan 4ffaa torban dhufurraa jalqabee kennamuu kan jalqabu ta'u Ministeerri Fayyaa beeksise.

Haga ammaatti lammileen miliyoona 43 ol ta'an talaalii kana fudhachuu Ministeerichi beeksiseera.

Ministeerichi haala kennisii talaalli vaayirasichaa marsaan 4ffaa itti milkaa'uu danda'urratti wajjiraalee Federaalaafi dhaabbilee miidiyaa waliin Adaamaatti mariyachaa jira.

Ministeera Fayyaatti daarektarri Midiyaafi Kominikeeshinii obbo Yordaanos Allabaachoowu yeroo kana akka himaniitti biyyi keenya hojii dursanii ittisuufi hubannoo kennuu raawwatameen weerarri vaayirasichi balaa hamaa osoo hin geesisiin to'atameera jedhan.

Hojiin kun akka milkaa'uuf dhaabbileen qindoomanii hojjechuufi miidiyaaleen hojii hubannoo kennurratti bali'inaan hojjechuudhaani jedhaniiru.

Haga ammaatti marsaa sadiin talaalli Vaayirasii koroonaa kennameen lammileen miliyoona 43 ol talaalamuu himanii, marsaa 4ffaa torban dhufu kennamuu jalqabu kanaan lammileen kanaan dura fudhataniifi kanneen kanaan dura hin fudhannes akka fudhatan taasisuuf waltajjiin hubannoo uumuu kun qophaa'uu himaniiru.

Ogeeyyiin miidiyaa lammileen talaalli kana akka seeraan fudhatan hubannoo kennuun milkaa'ina duula talaalli vaayirasichaa kennuu torban dhufu jalqabuuf gahee isaanii akka bahan gaafataniiru.

Talaalli Vaayirasii Koroonaa marsaa 4ffaan sadarkaa biyyaatti torban dhufu kennamuu kan jalqabuu yoo ta'u guyyaa duulli kun itti jalqabu Ministeerichi kan beeksisu ta'uun himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015