Yuunivarsiitiin Boongaa barnoota gochaarratti xiyyeeffate barsiisuun dhaloota hojii uumuu danda'u horachuuf hojjechaa jira

156

Mudde, 4/2015(TOI) - Yuunivarsiitiin Boongaa barnoota gochaarratti xiyyeeffate barsiisuun dhaloota hojii uumuu danda'u horachuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.

Tajaajilli Oduu Itoophiyaa dhaloota carraa hojii uummachuu danda'u horachuuf hojii Yuunivarsiitiin Boongaa hojjetu irratti daarekatara sagantaa eebbaan duraa yuunivarsiiticha doktar Takile'aab Booloo waliin turtii taasiseera.

Doktar Takile'aab akka himanitti dhaabbileen barnoota olaanoon dhaloota hojii uumuu danda'uu uumuuf gahee olaanaa akka qaban himanii, yuunivarsiitiin Boongaas damee kanaan muuxannoo gaarii akka qabu himaniiru.

Yuunivarsiitichi qabeenya uumamaa naannoo isaa jirutti dhimma bahuun damee hojii qonnaafi kununsa qabeenya umamaa irratti barnoota gochaa irratti xiyyeeffate barsiisaa jiraachuu himaniiru.

Biqiltoota adda addaa mooraa Yuunivarsiitichaa keessatti akka qopheessan, akka dhaabaniifi akka kununsaan taasisuun baratoonnii damee kanaan yeroo eebbifaman hojii uumtota akka ta'aniif barnoota gochaan deeggarsame kannee jiraachuu himaniiru.

Dabalataanis Yuunivarsiitichi haala galteewwan oomisha qonnaa ittiin oomishuun danda'amurratti barnoota gochaa irratti xiyyeeffate barsiisaa jiraachuu himaniiru.

Mooraa Yuunivarsiitichaan alattis godinichatti naannawwaa bunnifi oomishaaleen biroon bali'inaan itti oomishaman deemanii akka daawwatan taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Dhaabbileen barnoota olaanoo dhaloota qormaata gara carratti jijjiruu danda'u horachuuf cimsanii hojjechuu qabus jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015