Tokkummaan, Wal danda'uunii Fi Wal Kabajuun Waliin Taanee Humnoota Badii Warroota Ta'an Ofirraa Ni Ittisna

55

Nagallee Caamsaa 01/2011 Tokkummaan, wal danda'uunii fi wal kabajuun waliin taanee humnoota badii warroota ta'an ofirraa ittisuuf karoorfachuu isaanii jiraattonni godina Booranaa himan.  

Waltajjiiwwan obbolummaa sabaa fi sablammootaa cimsu godina Booranaa magaalaa Yaa'aballootti gaggeeffamee jira.

Wayituma kana jiraattonni waltajjii kana irratti hirmaatan akka jedhanitti waliin jireenya ummataa wagga dheerraaf ture namoota adda baasuuf jedhan ni mormina jedhaniiru.  

Jiraataan magaala Yaa'aballoo obbo Huseen Moohaamad yadda kennaniin ummata dhiigaa fi gaa'ilaan walitti hidhatee jiru adda baasuuf namoonni hojjachaa jiran of qusachuu qabu.

Yeroo walii galteen dhabamus yoo ta'e dubbii sana taa'anii mari'achuun qofa hikuun akka barbaachisu himanii jiru.

Abbootiin Gadaa fi abbootiin amantaas ummata barsiisuu fi hubachiisuun ga'ee isaanii ba'achuu qabu jedhanii jiru.

Jiraataan aanaa Mooyaalee obbo Godaanaa Kuluu gama isaaniitiin namoonni ummataaf ummata walitti naqanii bu'aa siyaasaa isaaniif hojjatan hojii isaanii irraa of eeguu qabu jechuun yadda kennanii jiru.

Ummanni Oromoos sabaa fi sablammii kanneen biroo waliin wal kabajee fi wal danda'ee jiraachaa akkuma ture ammas sana itti fuffsiisa jedhanii jiru.

Ummata sirna Gadaan bulaa har’a ga'e kanas ummata biroo waliin walitti buusuuf yaaluun yoomiyyuu hin mijatu jechuun ibsanii jiru.

Mootummaanis olaantummaan seeraa akka kabajamuuf ciminaan hojjachuu qaba jechuun himaniiru.

Bulchaan godina Boorana obbo Deengee Booruu akka jedhanittis mootummaan olaantummaa  seeraa akka kabbachiisuuf ummannis ga'ee isaa ba'achuu qaba jedhaniiru.

Namoota yakka hojjatan saaxiluu fi barsiisuun ummata irraa ni eegamas jedhaniiru.

Abbootiin Gadaa fi Amantaas ummata barsiisuu fi gorsuun akkuma kana duraa hojii fakkeenyummaa qabu hojjachuun akka isaanirraa eegamu beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015