Yuunivarsiitiin Haramaayyaa qulqullina oomisha Loozii guddisuun Qonnaan bultoota caalaatti fayyadamoo taasisuuf hojjechaan jira jedhe.

184

Mudde 1/2015(TOI) - Yuunivarsiitiin Haramaayyaa Yuunivarsiitii Kiraanfiilid waliin qindaa'uun qulqullina oomisha Loozii guddisuun Qonnaan bultoota caalaatti fayyadamoo taasisuuf hojjechaan jira jedhe.

Qoratoonni damee kanaa akka himanitti adeemsi qonnaan bultoonni Loozii gogsanii falfaluun gabaaf itti dhiheessan oomishinni isaanii gabaa gaarii akka hin arganne taasisa.

Yuunivarsiitii Haramaayyaatti qorataa saayinsii biqiltootaafi barsiisaa kan ta'am doktar Abdii Mahaammad akka himanitti qonnaan bultoonni osoo hin beekiin dogoggora oomisha Looziirratti raawwataniin qulqullina isaarratti miidhaa guddaa geesisaa jiru.

Oomishi Loozii Itoophiyaa firii fooyya'aa kan qabu ta'us hanqina oomishaafi qulqullinaaf jecha warshaaleen Loozii qindeessan harka 43 kan fayyadaman biyya Hindiirraa fiduuni jedhaniiru.

Doktar Abdiin akka homanitti haalli qonnaan bulaan mala aadaa oomisha Loozii walitti qabuudhaa hanga falfalee gabaatti dhiheesutti itti hojjetu rakkoo qulqullina dhabuuf sababadha jedhaniiru.

Yuunivarsiitiin Haramaayyaa oomishinni kun karaa qulqullina qabuun akka hojjetamuuf ogeeyyiin leenjii kennaa jiraachuu himaniiru. Ogeeyyiin kunis yuunivarsiitii Kiraanfiilid waliin akka qindaa'anii hojjetaniif haalli mijachaafii jiraachuus himaniiru.

Itti gaafatamaan Pirojeektii biyya Ingilizitti argamu Niwutiriinat jedhamuu pirofeesar Angil Madinanavaayaa akka himanitti Itoophiyaatti oomisha Loozii gaarii jedhamutu oomishama.

Ta'us garuu oomishinni kun dhukkuba "Afilaatokisiin" jedhamuun miidhamuu yeroo itti miidhamu waan jiruuf gabaa alaatti akka hin ergamne gufuu ta'eera.

Kunis qonnaan bultoonni fayidaa irraa argachuu qaban akka hin arganne taasiseera.

Akka isaan jedhanitti oomishinni kun kan inni dhukkubaan miidhamuuf haala qonnaan bulaan ifa aduun Loozii itti gogsudha.

Rakkoo kana furuuf Yuunivarsiitiin Kiraanfiilid karaa Pirojeektii Niwutiriinat meeshaa ammayyaa ifa aduun hojjetu kan Loozii gogsu uumuu himanii meeshaa kana ji'oota lamaan dhufan keessatti gara biyyaa akka galchu himaniiru.

Pirojeektichi Itoophoyaatti looziin qulqullina qabuufi fayyummaan isaa mirkanaa'efi gabaa alaatti dhihaachuu kan danda'u akka oomishamuuf deeggarsa gochaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015