Hojiin riqicha sibiilaa laga Alawuhaa xumuramee tajaajila kennuu eegale

103

Mudde 01 bara 2015(TOI)---Godina Walloo kaabaa hojiin riqicha sibiilaa daandii Waldiyaarraa gara Qobboo geessuu laga Alawuhaa irratti argamu xumuramee tajaajila kennuu eegaluusaa bulchiinsi daandiiwwanii Itiyoophiyaa beeksise.

Riqichi Kanaan dura dheerina meetira 102 qabu kun sadarkaa konkiriitiitti xaaliyaanotaan ijaaramee tajaajila kennaa akka ture bulchiinsichi ibseera.

Hojiin suphaa riqichaa amma xumuramutti baatii lamaaf sochii geejjibaa idileen gufatee tureera.

Riqichi sababa waraana Itiyoophiyaa kaabaatti yeroo lammaffaaf taasifameen erga miidhamee booda miidhamee riqichi dheerina meetira 54 tuqaa 86 ta’uun hojjetamee tajaajila kennaa akaa ture ibsameera.

Roobni ganna cimuusaatiin lolaan rooba Hagayya 9/2014 halkan roobeen uumame utubaa riqichaa diiguusaatiin  riqichi sibiilaa yeroof ijaarame ni kufa yaaddoo jedhuun yaaddoo uumee ture.

Bulchiinsa daandiiwwan Itiyoophiyaatti daarektoreetiin istiraakcharii bulchiinsa daandiiwwanii Itiyoophiyaa fi distiriiktiin Kombolchaa baatiiwwanlamaan darban suphaa taasisaa turaniiru.

Riqichi sibiilaa haaraa ijaarame un meetira 109 tuqaa 73 kan dheeratu yoo ta’u, ijaarsasaa xumuruuf baatii lamaaf halkanii fi guyyaa hojjetamaa tureera.

Riqichi miidhaan guddaan irra gahee ture wayita amma riqicha sibiilaan bakka bu’uun bifa haaraan ijaaramee har’a Mudde 01/2015 irraa kaasee tajaajila geejjibaaf banaa ta’eera.

Riqichi kun ulfaatina amma kuntaala 400 ykn toonii 40 baachuu akka danda’utti kan hojjetame ta’uun ibsameera.

Rakkoo kana hundeerraa hiikuuf ijaarsa riqicha konkiriitii dheerina meetira 120 qabu jalqabsiisuuf diizaayiniin xumuramee hojiin haalduree xumuramuu odeeffannoon bulchiinsicharraa argame ni agarsiisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015