Fooramiin Hariiroo Dinagdee Itiyoophiyaa Fi Ameerikaa Cimsu Waashiingitan Diisiitti gaggeeffamuufi - ENA Afaan Oromoo
Fooramiin Hariiroo Dinagdee Itiyoophiyaa Fi Ameerikaa Cimsu Waashiingitan Diisiitti gaggeeffamuufi
Caamsaa 01/2011 - Fooramiin hariiroo dinagdee Itiyoophiyaa Fi Ameerikaa Cimsu Waashiingitan Diisiitti gaggeeffamuufi.
Fooramichi Itiyoophiyaan dinagdeeshee guddisuuf carraaqqii taasisaa jirturratti hubannaa ni uuma jedhameera.
Fooramii kana kan qopheesse Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa fi Ameerikaatti Embaasii Itiyoophiyaa yammuu ta'an, waltajjichi Caamsaa 7 fi 8, 2011 kan gaggeeffamu ta'uu ministeerichi beeksiseera.
Fooramichaan Ameerikaan invastimantiin Itiyoophiyaatti qabdu akka dabalu haalli ni mijaa'a.
Dabalataan jijjiirramni dinagdee Itiyoophiyaa akka ce'uu fi oomishaalee isheetiifis gabaan akka bal'atuuf ni mari'atama.
Ministeerichi dhimmicharratti ibsa baaseen akka beeksisetti, Itiyoophiyaan jijjiirrama galmeessisaa jiraachuu ibseera.
Dinagdee biyyattii keessatti hirmaannaan damee dhuunfaa akka dabalu hojiin hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta'uus beeksiseera.
Kun ammoo kaayyoo galma dinagdee bara 2025tti Itiyoophiyaan sadarkaa biyyoota galii giddugaleessaa gadaanaatti makamuuf qabdu akka ta'e eerera. Waltajjichaan hariiroo dinagdee biyyoota lamaanii cimsuu, deeggartoonni Itiyoophiyaa akka tumsan taasisuu, invastaroonni Ameerikaa Itiyoophiyaatti akka invasti godhan haala mijeessuu, daldalaan hidhata jiru guddisuu, invastaroonni biyya keessaa fi Ameerikaa hidhataan akka hojjetan taasisuurratti mari'atamuun irrattis kan hojjetamu ta'uu Ministeerri dhimma alaa Ameerikaa beeksiseera.
Waltajjichi Itiyoophiyaa mul'ata gaarii qabdu uumuuf, Itiyoophiyaanotaafis ta'e Ameerikaanotaaf haala gaarii kan uumu ta'uun ibsameera.
Fooramichaa fi hariiroo biyyoota lamaaniirraa biyyoonni lammanuu qixa kan fayyadaman ta'a jedhameera.
Madda: BDhKMNO